Foormii Mirgaa fi Dirqama Maamilaa Ibsu

Foormii Mirgaa fi Dirqama Maamilaa Ibsu

Qaamni hojii Ogummaa Aadaa fi Tuurizimi irratti bobba’e kamiyyuu mirgaa fi dirqama asitti aanee jiru ni qabaata.

Mirga Tajaajilama

o Tajaajilamaan heyyama ogummaa baafachuu ykn babal’ifachuu ykn kan bade bakka buufachuu barbaadu kamiyyuu ulaagaalee barbaachisan guuteera jedhee yammuu amanu formi iyyannaa irratti iyyata isaa guutee waajjirichaaf gaafii dhiyeeffachuu,
o Haala istaandaardii hojii taa’een yeroo kaa’ame keessatti tajaajila argachuu,
o Tajaajila argatetti yoo quufuu baate ykn rakkoon isaarra gahe yoo jiraate komii isaa dhiyeeffachuu,
o Gaafii tajaajila deeggarsa ogummaa fi fedhii leenjii Waajjira Aadaafi Tuurizimii dhiyeenya isaatti argamutti dhiyeeffachuu fi argachuu,
Tajaajilal kennaa jirutti itti fufuu kan hin barbaadne yoo ta’e sababa ittifufuu hin barbaadneef barreeffamaan waajjira beeksisuun heyyama ogummaa baafate deebisuuf mirga qaba.

Dirqama Tajaajilamaa

o Ulaaga heyyama ogummaa baafachuuf ykn babal’isuuf ykn kan bade bakka buusuuf taa’e guutee argamuu
o Akkaataa ulaagaalee heyyama ogummaa ittiin fudhachuuf taa’en tajaajila qulqullinaa fi gahumsa qabu kennuu,
o Gaafii waajjira irraa dhiyaatuuf yeroo gaafatame keessatti barreeffamaan deebii kennuu
o Supparviizyiniif yammuu ogeessi gara dhaabbata isaa deemu odeeffanno dhugaa irratti hundaa’e kennuu, haala kenna tajaajila isaa daawwachiisuu,
o Hanqinoota muldhatan irratti gorsaa fi deeggarsa ogummaa ogeessaan kennameef bu’uureeffachuun yeroo akka sirraa’u irratti waliigalame keessatti sireessuun gabaasuu,
o Gatii tajaajilaa ilaalchisee yoo haala qabatamaa jiruun ykn sababa beekamaa ta’een sadarkaa qulqullinaa fi gahumsi tajaajilaa kan foyyaa’e ta’ee gatii tajaajilaa dabaluun barbaachisaa ta’ee yoo argame sababa isaa Waajjira heyyama ogummaa irraa fudhate beeksisuu.
o Tajaajila kennaa jirutti ittfufuu kan hin barbaadne yoo ta’e heyyama ogummaa baafate deebisuuf dirqama qaba.
Ani Heyyama Ogummaa gaafatan Mirgaa fi dirqama asii olitti barreeffame beekee hubadhee qixa barbaadamuun tajaajila qulqullinaa fi gahumsa qabu kennuuf jaaladhee mallatteessee heyyama ogummaa kana fuudhadhe yoo ta’u, dirqama ana irraa eegamu bahuu dhabuu kootiin kan ka’e hanqina qulqullinaa fi gahumsa tajaajila qunnaameen Koomishinichi barbaachisaa ta’ee yammuu argu hanga heyyama ogummaa haquutti tarkaanfii fudhachuu kan danda’u ta’uu isaa amanee qixa barbaadamuun tajaajial kennuuf waadaa galeera.

This is my form. Please fill it out. Thanks!